ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024
Hawwii fi fedhiin sirna bilxiginnaa saba Oromoo jedhamu impaayera Itoophiyaa keessaa cabsee dachee taadhii fi eebbifamaa, bineensota bosonaan baadhatuu fi oomishaalee adda addaaf mijataa ta’e irratti abbummaan jiraachuuf jecha hawaasa nagaa maqa balleessii adda addaan jumlaan fixaa jira.
Duulli ijjibbaataa adeemaa jiru kunis, Oromoo balleessanii olaantummaa gonfachuuf jecha gareen Kaabaa namoota Oromoorraa dhalatanii habashummaa leellisanii fi gadi-galoo fakkeessanii bulanitti fayyadamuun, guyyaatti lubbuun lammilee nagaa hedduun Oromiyaa keessaa dhabamsiifamaa jira.
Haaluma kanaan dheengadda Waxabajjii 16, 2024 waraanni sirnichaa godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa gara ganda Heennaa Jawwajaa bakka addaa Agaloo jedhamutti maqaa sakattaa WBO’n bobba’an namoota nagaa saddeet fixanii akka deebi’an himan.
Maqaan jiraattota waraana goolessaa PP kanaan dhumanii muraasni nu ga’es: Tamasgeen Gammachuu, Sixootaa Geetuu, Eebbisaa Dinqisaa fi Dossoo kan jedhamu yoo ta’an, namoonni gammoojjii gandichaa irraa gara magaalaa deemaa turanis ajjeefamuun reeffi isaanii waraana maafiyaa PP’n eegamaa akka ture himameera.
Dabalataanis obbo Duulaa Maammoo nama jedhamu jalaa manaa fi qabeenyi inni qabu guutummaatti mana keessatti waraana kanaan gubachuun maatiin isaa haala rakkisaa waqtii gannaa kanatti bakka bultii dhabuu fi waan nyaatanii bulan dhabanii hiraarfamaa akka jiran beekameera.

