Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaa keessaa humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa kan murna Bilxiginnaan gurmaa’anii hojjetan namoota lama butuun dhabamsiisan 

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Gareen badii finxaaleeyyii Amaaraa kanneen olaantummaa Amaaraa kabachiisuuf jecha humna waraanaatiin of ijaaruun sirna Bilxiginnaan bobbaafaman Oromiyaa bakkeewwan hedduutti miidhaa qaqqabsiisaa jiru.

Bilxiginnaan imaammata sabboonummaa Oromummaa balleessuu jedhuun godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Abbayyii Daallee bakka addaa Daallee jedhamtutti garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jedhaman bobbaasuun Fulbaana 11, 2024 namoota nagaa lama ukkaamsuun himame.

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa kan mootummaa abbaa irreen gurmaa’anii hojjetan namoota maqaan isaanii: 

  1. Tasfuu Baqqalaa Goraash fi 
  2. Taakkalaa Baay’isaa  jedhaman kan butan yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaayetti achi buutee dhabamsiisanii akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Gareen maafi’aa PP uummata Oromoo irraa maqaa WBO waliin hidhata qabduun meeshaa irraa hiikee waggoottan sadan darban kana bifa qindaayeen ajjeesaa fi doorsisaa kan jiru yoo ta’u, har’as uummanni Oromoo harka duwwaa garee finxaaleeyyii Amaaraa fi humnoota murna abbaa irree Bilxiginnaan kichuun karaatti hafaa jira.

Keessattuu Bilxiginnaan namoota sabaan Amaaraa ta’aniif meeshaa isaan of harkaa qaban seera qabeessa taasisuun, kan uummata Oromoo irraa fuudhuu caalaa dinummaan ijaaree bobbaasee jira.

Exit mobile version