Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Guttinii fi Giddaa Ayyaanaa keessatti humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa walga’ii ba’uun bilxiginnaan nun bulchuu jechuun dubbatan.
ONM – ABO – Amajjii 4, 2023 Humnoonni badii finxaaleyyii Amaaraa jedhaman deggarsa murna PPn Oromiyaa keessatti meeshaa hidhachifamuun uummata Oromoo dhibbootan lakkaa’aman kan ajjeesaanii fi namoota kumootan lakkaa’aman ammoo qabeenya isaanii saamuun qe’ee irra buqqisaa turan har’as itti jiru.
Humnoonni kun osoo Oromiyaa keessa jiraatanii waraanni bilxiginnaa humni adda Oromiyaa jedhamu nun bulchu, humnaa fi dandeetti keenyan of irra ittisuu qabna jechuun maree isaanii irratti waliiguun bulchiinsa magaalaa Guttin keessa raayyaan ittisa impaayerattii qofti akka socho’u gaafataniiru.
Guyyaa kaleessaa Amajjii 3,2022 Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii fi humnoonni badii kun wal tumsuun aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti manneen hawaasa Oromoo magaalaa hanga baadiyyaatti irra deemuun isin deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun reebichaa fi sakkattaa geggeessaa turan.
Humnootni badii qabiyyee abbaa keenyaa deebisna jechuun socho’anii fi waraanni bilxiginnaa uummata Amaaraatu miidhamee socho’u kun Oromoo qe’ee isaa irratti miidhaa sukkanneessa irraa ga’aa,qabeenya saamaa, manneen gubaa fi ajjeechaa raawwachaa jiraachuun jiraattootni tokko tokko himuun, uummatni Oromoo lafa isaa irratti mirga dhabe jechuun murna bilxiginnaa kanaaf sababa ta’e balaaleffataniiru.

