Bitootessa 6, 2024
Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti ajandaa badii uumee uummata Oromoo nagaaf tasgabbii dhorkuu aadeffatee kan jiru, yeroo ammaa kanas garee finxaaleeyyii Amaaraa maqaa deebisanii qubachisuu jedhuun Finfinnee irraa gara godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa bulchiinsa magaalaa Guuttiin (Guuteetti) guuraa jiraachuun beekameera.
Akka jiraattotni jedhanittis guyyoota lamaan darbanii kaasee konkolaataa gurguddaan gara Oromiyaatti fe’aa akka jiru himuun , osoo uummatni Oromoo maqaa Oromummaa qofaaf garee finxaaleeyyii Amaaraa kanaan dhumaa jiru ammaas dachee Oromiyaa irratti gadi dhaabuun tuffii sirnichi saba Oromoof qabu agarsiisa jechuun dubbatu.
Oduu biraatiin ammoo aanaa Jimmaa Arjoo ganda Qa’oo keessatti waraanni PP jiraattota halkan guutuu manneen isaanii irra deemuun reebuu fi qabanii hidhuun dararaa jiraachuun kan himamu, dargaggoo Takkaaleeny Mangistuu jedhamus qabanii hidhuun beekameera.
Dabalataanis mana obbo Mohaammed Hasan deemuun isa manaa dhabanii haadha warraa isaa aadde Muniiraa Qaasim qabanii hidhuun sangaa isaanii lamas offachuun himame.

