Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaatti ajjeechaa suukkanneessaan garee finxaaleessaa Amaaraa Faannoon raawwatamaa jiru guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuun himame

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Sochii hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoon Oromiyaa keessatti taasisan guyyuu lubbuu lammiilee nagaa obbaasaa kan jiru yoo ta’u, keessattuu godinaalee Baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Kaaba Shaggar keessatti kumaatamaan lubbuu obbaasuun gariin ammoo buqqaatiif saaxilaa jiru.

Bifuma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaalee akka Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo Limmuu fi kanneen biroo keessatti torban kana keessa tarkaanfii gareen finxaaleeyyii kun raawwachaa jiraniin jiraattoonni baay’inaan digdamaa ol ta’an ajjeefamuun hedduunis akka madaa’an addeeffameera.

Jiraattota aanaa Kiiramuu lubbuun isaanii loltoota faashistii PP’n darbe keessaa kanneen maqaan nu ga’e muraasni:

  1. Tamoo Dayyee,
  2. Gonfaa Kiikkoo,
  3. Tafarraa Wayyeessaa,
  4. Tasfaayee Maammoo,
  5. Abbittii Tasfaayee dabalatee namoonni 13 ol ta’an ganda Baddeessaa irraa lubbuun isaanii akka darbe beekameera.
Exit mobile version