Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finxaaleyyii Amaaraa Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti gadi dhaabee kan jiru kaadiroota PP bakkichaati jechuun jiraattotni dubbatu

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023

Dhiiga uummata qulqulluu irratti riqicha badhaadhinaa ijaarrachuun sadoo dhuunfaa isaanii ceesisuuf lubbuu lammiilee nagaa lafarraa duguugaa kan jiran kaadirootni PP, Humnoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman harka lafa jalaan utubuun Caasaa isaanii Oromiyaa keessatti lafa qabsiisaa ofiif ammoo bu’aa garaa isaaniif daldalachaa jiru.

Horroo Guduruu Wallaggaa akkasumas Baha Wallaggaa keessaa Finxaalessitootni Amaaraa duguugamanii akka hin baaneef kallattii tokkoon uummata dhumaa jiru fakkaachaa kallattii biraan ammoo hundee Finxaaleyyii jabeessaa danqaa ta’aa kan jiran kaadirootni biltsiginnaa, dabaa fi cubbuu uummata irratti dalagaa turanirraa sodaa yoo isaan ba’aan hawaasni nu ajjeesa jedhuun liqimfamanii, bineeyyii lubbuu qulqullootaaf naasuu hin qabne waardiyyaa taasifachuuf jajjabeessaanii bakkoota kana keessatti gadi dhaabaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti kaadirootni uummata ficcisiisaa jiran, aanaa Kiiramuu keessaa Balaay Dassaalee, Fiqaaduu Hundee fi Biraanuu Nugusaa, aanaa Amuruu keessa Balaay Goshuu, Faantaa’uun Taayyee, Abbayyee Haayilee, Haayilee Abdiisaa, Dassaalee Ayyaanaa fi Kantiibaa magaalaa Agamsaa Malkaamuu Akkasaa jedhaman ta’uu dubbatan.

Aanaa Amuruu keessaa gandoota 22 akkasumas aanaa Kiiramuu keessaa gandoota 25 humnoota Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon buqqa’aan duuba kan jiru kaadiroota kanaa fi fakkaattota isaanii ta’uu kan dubbatan maddeen, namootni kunneen humnoota Amaaraa kanneen hidhachiisanii uummata ajjeesisaa, saamsisaa fi buqqaasisaa qabeenya hawaasa harkaa saamamu ammoo waliin qoddachaa, magaalaa gurguddaa keessatti ittiin gamoo ijaarratanii, konkolaataa bitachaa jiraachuus himan.

Exit mobile version