ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Ajjeechaa, saamichaa fi duulli duguuggaa sanyii hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhaniin daangaa Oromiyaa kallattii garaagaraatiin uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru itti fufuun, Kaleessa Guraandhala 8, 2024 galgala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganaa Goortee jedhamu keessatti qaamolee kanaan namni nagaan Amantee Deesaa jedhamu ajjeefamuun gabaafame.
Namni ajjeefame kun abbaa maatii ilmaan afur kan horee ta’uu gabaasichi yoo himu, haleellaa humnootni kunneen kallattii sanaan taasisaniin irra deddeebiin lubbuun namoota nagaa hedduu bakka tokkitti jumlaan ajjeefamaa, qe’eef qabeenyi hedduun gubatee manca’uun saamichi daangaa hin qabne jiraattota irratti raawwatamaa abbootiin warraa hedduunis buqqa’aa turuuf hardhallee itti jiraachuu ifoomseera.
Humnootni Finxaaleyyi Amaaraa akeeka Sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii bobba’aan kunneen aadaa, duudhaa, safuu fi eenyummaa Oromoo guutummaatti dhabamsiisuuf hojii guddaatti kan jiran yoo ta’u, daangaa Oromiyaa kallattii Kaabaa, Lixaa fi Kibba Bahaa keessatti haleellaa raawwataa jiran jabeessuunii fi magaalota gurguddoo biyyattii keessattis sosochii garaa garaa gochaa jiraachuu isaanii ONM gabaasaa turuun ni yaadatama.

