ONM-ABO Guraandhala 20, 2024
Rakkoon murna bilxiginnaa uummata Oromootti dhalchee uummaticha qe’ee abbaa isaa irratti ajjeechaa, hidhaa fi buqqaatii dabalatee eegalamee jiru hidhattoota finxaaleyyii Amaaraan akkuma itti fufetti jira.
Guraandhala 17, 2024 Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Goodaa Gafarsaa keessatti hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa qonnaan bulaa maqaan isaa Mohaammed Yusuuf jedhamu lafa jallisii isaatti itti dhaquun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni ibsan.
Akkasuma guyyaa dheengaddaa Guraandhala 18, 2024 gandichuma keessatti qabeenyaa hawaasaa saamuun namoota gabaa waa gurguratanii galanis karaatti eeguun maallaqa harkaa saamaa turuus dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattotni dabaluun ibsanitti uummanni aanichaa guyyaa guyyaan ajjeechaa jumlaa dabalatee qabeenya isaa saamamaa fi qe’ee irraa buqqa’aa jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

