Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa daandiitti ba’uun ilmaan Oromoo saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waamanii fi murni bilxiginnaa waliin ta’uun siyaasa isaanii akka gaariitti dagaagfachuuf jecha ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo gara jabina guddaan guuteen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun, saamichaa fi ajjeechaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa daandiitti ba’uun ilmaan Oromoo saamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Ilmaan Oromoo godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaa keessa jiraatan baay’een kumaatamaan kan lakkaa’aman qe’ee fi qabeenya isaanii irraa finxaaleeyyii Amaaraa fi loltoota sirnichaan yeroo yerootti buqqa’uun saamamanii gidiraa hedduu dhamdhamaa kan jiran yoo ta’u, Hagayya 31, 2024 aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo naannoo gaara Dichootti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman konkolaataa uummataa Giddaa  gara Naqamtee deeman kan namoota 50 ol ofirraa qabu dhaabuun saamichaa fi reebicha irratti raawwachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Akka namootni jedhanitti, torban lama dura bakkuma kanatti namoota lama haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu eeruun, rakkoo ulfaataa jiraattota irratti raawwachaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version