Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 12, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuun, ajjeesuun, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulquun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota adda addaa mandheeffachuun yeroo yerootti ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran yoo ta’u, ganda Jaangir bakka addaa Dambaaroo jedhamu irraa Muddee 9, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Mucoo Adulaa,
  2. Darajjee Dhaabaa fi
  3. Baqqalaa Raggaasaa jedhaman haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuu jiraattonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni kunneen himanitti, ganda kana malees, ganda Qarsaa jedhamu irraa guyyuma kana nama maqaan isaa Obbo Irqa’un Naga’oo jedhamu haala suukkaneessaa fi ilmaan namaa kam irratti raawwatamee hin beekneen ajjeesanii gatuu dubbatu.

Exit mobile version