ONM-ABO Bitootessa 14, 2025
Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Warabboo jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun socho’an Bitootessa 11, 2025 galgala keessaa naannoo sa’atii 12:00’tti namoota maqaan isaanii:
- Galataa Gaaddisaa,
- Damee Biraanuu,
- Barsiisaa Warqinaa fi
kan maqaan isaa adda hin baane tokko ukkaamfamuun achi buuteen isaanii dhabamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Barsiisaa Warqinaan Yuunivarsiitii Wallaggaa Kampaasii Gimbiitii kan barsiisu yoo ta’u, hidhattoonni ukkaamsan kanneen Keellaa eegan akka ta’anii fi hawaasa Oromoo kan ficcisiisaa jiru bulchiinsa aanichaa ta’uus maddeen himan. Hidhattoonni kunneen akka fedhan bobba’anii gochoota suukkaneessoo gurraan dhaga’uuf namatti hin tolle hunda raawwachaa kan oolan ta’uunis baramee jira.
Yeroo itti Shimallis Abdiisaafaa mootummaa Oromooti jedhanii dhaadatanitti finxaaleeyyiin kunneen addatti godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baha Wallaggaa mandheeffachuun hawaasa Oromoo saamuu, ajjeesuu, achi buutee dhabamsiisuu, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun hawaasa yaaddoo hamaa keessa galchanii jiru.

