ONM-ABO Bitootessa 16, 2025
Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Warabboo jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun socho’an Bitootessa 11, 2025 galgala keessaa naannoo sa’atii 12:00’tti namoota maqaan isaanii:
- Galataa Gaaddisaa,
- Damee Biraanuu,
- Barsiisaa Warqinaa fi
kan maqaan isaa adda hin baane biraa tokko ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisanii kan turan yoo ta’u, Bitootessa 14, 2025 immoo qarshii miliyoona tokko gaafachuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Finxaaleeyyiin kunneen namoota ukkaamsan kana maatii fi firoottan isaaniitti dirqamaan bilbilchiisuun namoonni kunneen akka gadi dhiifamaniif qarshii 1,000,000 akka qopheessan gochuu fi yoo isaan qarshii jedhame kaffaluu didan immoo, akka ajjeesanii gatan itti dhaadachaa jiraachuun ibsameera.
Gandoota aanichaa hunda keessatti hidhattoonni Amaaraa kunneen hiraarsaa yeroo yeroon hawaasa Oromoo irratti raawwatan jabeessuun, ganda kana keessatti ilmaan Oromoo finxaaleeyyii Amaaraan butamanii qarshii guddaa gaafatamuun kan yeroo jalqabaa kan hin taanee fi namoonni hedduun butamanii qarshii gurguddaa gaafatamanii kaffalaa akka turan dabalataan eeramee jira.

