ONM-ABO Fulbaana 6, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman deggersa ergamtoota bilxiginnaan Laga Mormor ce’anii dachee Oromiyaa irra qubachuun hanga funyaaniitti meeshaa hidhachiifaman yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo raawwachuu akkuma itti fufanitti jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee irraa finxaaleeyyiin Amaaraa dargaggoo tokko butuun qarshii miliyoona tokko gaafataa jiraachuun himame.
Fulbaana 5, 2024 gara galgalaa finxaaleeyyiin Amaaraa nama saddeet ta’anii ilmaan Oromoo ukkaamsuuf gaadan dargaggoota lama kanneen ooyiruu isaanii keessaa boqqolloo eeggachuuf deeman keessaa dargaggoo maqaan isaa Abbushaa Kifiluu jedhamu ukkaamsanii achi buutee isaa dhabamsiisuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ONM’f eeran.
Akka maddeen eeranitti, “gochi kun kan yeroo jalqabaa akka hin taane himuun, maatii dargaggoo kanaatti bilbiluun qarshii miliyoona tokko gaafachaa kan jiran ta’uu fi guyyaa beellamame darbee jennaan akka dargaggoo kana ajjeesan dhaadachaa jiraachuu” dubbatu.

