Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guuteetti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa raawwatan 

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa bulchiinsa magaalaa Angar Guuteetti Waxabajjii 21, 2025 naannoo sa’atii 2:30’tti hidhattoonni Amaaraa dukkana da’eeffachuun namoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baane 2 haala suukkaneessaa ta’een battalatti ajjeesanii gatuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees Finxaaleeyyiin kunneen hiraarsaa ulfaataa ilmaan Oromoo irratti raawwatan hammeessuun namoota maqaan isaanii:

  1. Tasfaa Dhaabaa,
  2. Fayisaa Booboo fi
  3. Shuumaa 

jedhaman galgaluma sana ukkaamsuun fuudhanii deemanii akka horiitti harka isaanii walitti hidhuun bakka tokkotti gara jabina guddaan ajjeesanii gatuun ibsamee jira.

Hidhattoonni kunneen deggersa qaamolee mootummaa Bilxiginnaan bakka gaara Dichoo jedhamu mandheeffachuun yeroo adda addaatti irra deddeebiin haala suukkaneessaa ta’een hawaasa Oromoo butuu fi qarshii guddaa gaafachuun, kanneen qarshii jedhame kaffaluu dadhaban immoo rasaasaan ajjeesanii gataa turuu fi waqtii gannaa kana immoo, haala duraan barameen olitti badii geggeessaa jiraachuun baramee jira.

Exit mobile version