Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guuteetti lukkeeleen bilxiginnaa maqaa sakatta’insaan qoricha saaman

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024

Milishaa fi riphee lolaa jedhamuun kanneen waamaman qaama isaanii ol jiru gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa kan oolan yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guuteetti  maqaa sakatta’insaan karaarra dhaabbatanii qoricha saamuun akka uummanni dhukkuboota adda addaan dhumu gochaa jiraachuun ibsame.

Bilxiginnaan finxaaleeyyii Amaaraatti qawwee hidhuun sakatta’insa akka geggeessaniif daandii irra dhaabee kan jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo saamsisaa, ajjeesisaa, hiisisaa fi gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiran ta’uu namoonni nuti dubbisne himan.

Akka namoonni itti dhiyeenyaan beekan himanitti, “Milishoonni PP maqaa sakatta’insaan daandii magaalaa Angar Guutee irra dhaabbatan qoricha uummataaf darbu dhaabanii saamaa jiru. Waanti nama dhibu guyyaa tokkotti qoricha qarshii 100,000 olitti shallagamu saamuu isaaniiti jechuun sirna dhablummaa seera qabeessa godhachuun ittiin uummata dararaa jiraachuu ibsu. 

Sababa lukkeeleen bilxiginnaa karaarra dhaabbatanii qoricha saamaniif uummanni aanaalee magaalaa kanatti dhiyoo jiran dhukkuboota adda addaan dhumaa jiraachuunis ifoomeera.

Exit mobile version