ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Waraanni garboomfataan PP fi kaabineen sirnichaa godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Zangii buufachuun ji’ootaaf achi jiran loon fi bushaayee qonnaan bulaa irra deddeebiin qalatanii nyaachaa akka jiran jiraattonni rakkoon irra ga’e miira gaddaan ONM’tti himan.
Keessattuu kaabinoonni caasaa gandaa ijaaruuf achitti ramadaman uummata qarshii hangana kaffalaa? yoo diddan isaan deggertoota WBO’ti jennee waraanatti himuun isin ajjeesisna jechuun qarshii saamuu fi bilbila harkaa uummata irraa funaananii magaalaa aanaa Gudayyaa Biilaatti gatii gadi bu’aan gurguraa jirus jedhan.
Kana malees waraanni faashistii PP uummata sabaan Amaaraa ta’an ganda Abbaay jedhamu keessa qubsiisuun hawaasa Oromoo irratti duula labsanii jiraattota akka miidhaniif walii galtee taasisuun yeroo ammaa uummata Oromoo danuu butuun maallaqa gaafachaa akka jiran beekameera.
Fulbaana 19, 2024 gareen leellistoota Minilik finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman ganda kanarraa namoota nagaa sabaan Oromoo ta’an butuun qarshii kuma dhibbaa sadii gaafatanii akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti maatiin namoota ukkaamfamanii qarshii kaffalan dhabuun yaaddoo keessa kan jiran ogguu ta’u, qaamolee nuti mootummaadha ofiin jedhanitti iyyannaan, WBO’tti himadhaa isiniif haa baasanii jedhanii akka itti baacanis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

