Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha  Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti namoonni hedduun waraana faashistii PP’n hidhamanii jiran dhukkuba adda addaaf saaxilamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 17, 2024

Badii gareen bilxiginnaa humna waraanaa fayyadamuun Oromiyaa keessatti uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru daangaa darbuun sabichi gidiraa ulfaataaf saaxilamaa jira.

Akka Jiraattonni godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa dubbisne himanitti,  maqaa siyaasaan hidhamtoonni magaalaa aanichaa keessatti hidhamanii jiran hedduu akka ta’anii fi irra caalaan isaanii maatii qabsaa’otaa ogguu ta’an,  dhukkubsatoonni yaala fayyaa malee hiraarfamaa jiraachuunis himameera.

Mootonni humnaan imphaayera Itoophiyaa bulchaa turanii fi sirni amma aangoo irra jiru bilxiginnaan gara jabinaa fi hammina guddaadhaan fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha Cunqursaa, dhiibbaa fi hacuuccaa hamaa Oromoo irratti taasisuun maqaa siyaasaan hidhanii manneen hidhaa keessatti namoota dhukkuban yaala fayyaa malee hiraarsaa jiraachuu jiraattoota godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa ONM himaniiru.

Uummanni Oromoo waggoota baay’eedhaaf humnaan geggeeffamaa kan jiru badii siyaasaa kamiyyuu osoo hin dalagin jireenya dhuunfaa isaanii jiraachuuf mirga  dhabuun jireenyi isaanii bara baraan gidirfamuu ta’ee akka jirus jiraattonni kun himaniiru.

Exit mobile version