ONM-ABO Hagayya 7, 2024
Murni waraana naamusa hin qabne hawaasatti guyyuu bobbaasaa jiru dhiibbaa hawaasummaa, siyaas-dinagdee fi gaaga’ama lubbuu namaa guyyuu raawwatu bilxiginnaan, miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan
Jiraataa Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Gonka Ijaa kan ta’an Obbo Biraanuu Gammadaa rakkoo jabaan waraana abbaa irreen irra ga’uu jiraattonni ONM’tti himan
Obbo Biraanuun jaarsa biyyaa nama ganna 70 olii ta’uus himuun waraanni gara laafina ilma namaaf hin qabne ilmi kee miseensa WBO’ti jechuun qabeenyaa isaa mana keessatti guutummaa guutuun ibidda itti shiduun erga gubanii booda loon isaanii 12 ooffachuun deemuun beekameera.
Obbo Biraanuun sababa dhukkuba adda addaan yeroo sadiif garaa kan baqaffatan ogguu ta’u, haati warraan isaaniis iji goonkumaa kan hin argine jaamaa yoo ta’an, haala kana keessatti osoo ilaalanii maanguddoo ganna 70 olii kanas qabuun fuudhanii deemanii yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Jareetti hidhuun hiraarsaa akka jiran ifoomeera.
Haati warraa Obbo Biraanuu kan ijni jaamee jiru nama bakkaa bakkatti isaan sochoosu kan hin qabne ta’uun bakkeetti gatamanii jiraachuun ifoomeera.

