• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti saamicha, gubaatii manneenii fi hidhaan jabaachuun dhagaa’ame 

Aug 11, 2024

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Murni waraana naamusa hin qabne hawaasatti guyyuu bobbaasaa jiru dhiibbaa hawaasummaa, siyaas-dinagdee fi gaaga’ama lubbuu namaa guyyuu raawwatu bilxiginnaan, miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan 

Jiraataa Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Gonka Ijaa kan ta’an Obbo Biraanuu Gammadaa  rakkoo jabaan waraana abbaa irreen irra ga’uu jiraattonni ONM’tti himan 

Obbo Biraanuun jaarsa biyyaa nama ganna 70 olii ta’uus himuun waraanni gara laafina ilma namaaf hin qabne  ilmi kee miseensa WBO’ti jechuun qabeenyaa isaa mana keessatti guutummaa guutuun ibidda itti shiduun erga gubanii booda loon isaanii 12 ooffachuun deemuun beekameera. 

Obbo Biraanuun sababa dhukkuba adda addaan yeroo sadiif garaa kan baqaffatan ogguu ta’u, haati warraan isaaniis iji goonkumaa kan hin argine jaamaa yoo ta’an, haala kana keessatti osoo ilaalanii maanguddoo ganna 70 olii kanas qabuun fuudhanii deemanii yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Jareetti hidhuun hiraarsaa akka jiran ifoomeera. 

Haati warraa Obbo Biraanuu kan ijni jaamee jiru nama bakkaa bakkatti isaan sochoosu kan hin qabne ta’uun bakkeetti gatamanii jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading