Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni murna garboomfataa PP qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een yoo ajjeesan, Aanaa Gudayyaa Biilaatti saamichaa fi dararaa hammeessan

ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024

Murni bilxiginnaa yeroo gara aangootti dhufee kaasee “qurxummii balleessuuf galaana gogsuu qabna” dhaadannoo jedhuun uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsuun ganna ja’a guutuu humna waraanaa qaban golee Oromiyaa maratti bobbaasuun uummata Oromoo biyya waaqni isaaf kenne biyya abbaa isaa irratti badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni murna garboomfataa PP qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Luugama jedhamu keessaa waraanni PP qotee bulaa Oromoo tokko kan maqaan isaa obbo Taakkalaa Mitikkuu jedhamu badii tokko malee Onkoloolessa 9, 2024 halkan sa’atii 5:00’tti mana isaatii gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, obbo Taakkalaan qaama siyaasaa kam kan hin hordofnee fi hojii qonnaa isaa qofa irratti bobba’ee kan jiraatu yoo ta’u, ergamtoonni bilxiginnaa immoo maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii ajjeesanii gatuu dubbatu.

Godinichuma aanaa Gudayyaa Biilaattis loltoonni sirnichaa aangoo harka uummataatti galchee sirni dimokraasii heera irratti hunda’ee akka gad dhaabbatu carraaqqii gochuurra afaan qawwee isaatti dhimma ba’uun  miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Qonnaan bulaa lafa qonnaa  hektaara 1’tti gibira qarshii 400 itti murteessuun hiraarsaa jiraachuu, qonnaan bulaan oomisha ofii barbaade osoo hin taane toles bades kan lukkeeleen PP jedhan qofaan akka oomishu, qamadii sanyii filatamaa haaraa isinii finneerra bitaa facaafadhaa jedhanii sobanii sanyii qamadii mana ba’e kan qilleensa bakkichaaf  hin taane dirqiin itti gurguraa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Kana malees hojjetoonni miindaan kaffalameefii jiraatan filannoo waan dhabaniif malee nu deggaraa hin jiran jechuun, yeroo ammaa kana keessa hojmaatni sirrii fi adeemsi heeraa fi seeraa hin jiru, afaan qawwee malee furmaatni waaraan kan hin dhufne ta’uu namnuu beekee paartii keenya bararuuf kallattii danda’uun duula geggeessuu qaba jechuunis maree yeroo yeroon taasisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version