Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni murna garboomfataa PP hidhaa fi gubaatii manneenii raawwachuun ibsame

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Murni garboomfataa impaayerattii kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa bobbaasuun  hawaasa nagaa akkuma fedhanitti ajjeesisuu, hisiisuu, saamsisuu, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisiisuu  cimsee itti fufee  jira.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni murna garboomfataa PP hidhaa fi gubaatii manneenii raawwachuun ibsameera.

Fulbaana 24, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamu keessatti dubartii maqaan ishee Taarikee Daggafaa jedhamtu loltoonni bilxiginnaa “abbaa manaa keetu WBO keessa jira” sababa jedhuun qe’ee fi mana jireenyaa guutummaa guutuutti abidda itti qabsiisuun gubanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, ganda “Hara Gabatoo” jedhamu keessaa namoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii jiran kanneen maqaan isaanii:

  1. Wanduu Tolaa
  2. Xiiqii Tolaa
  3. Geetahun Hayiluu
  4. Gammachuu Haayiluu
  5. Dabalaa Naggasaa
  6. Dingataa Naggasaa
  7. Baacaa Naggasaa fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

Akka jiraattotni himanitti, namootni kun kan qabaman Fulbaana 21, 2024 ta’uu himuun, daba loltoonni impaayerattii maqaa adda addaa ilmaan Oromootti maxxansuun yakkaniin hidhaatti darbatamanii dararamaa jiraachuus dubbatu.

Exit mobile version