ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024
Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti haleellaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraana bilxiginnaan adeemaa akka jiru yeroodhaa gara yerootti gabaasaa akkuma turre yeroo ammaas cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Luugamaatti abbaa ijoollee 7 kan ta’e Obbo Jambaree Asaffaa Galataa kan jedhamu waraanni bilxiginnaa Onkoloolessa 26, 2024 halkan sa’a 8:00 irratti qe’ee isaa keessaa bakka inni rafaa jiruu qabuun rasaasaan waadanii ajjeesuun himame.
Jiraataa aanichaa OMN dubbise tokko akka nuuf himetti Obbo Jambareen manni isaa daandii gurraacha godina Buunnoo Beddellee irraa gara magaalaa Naqamteetti geessutti dhihoo waan jiraatuuf odeessa WBO’f guurta shakkii jedhuunis ajjeesan jechuun hime.
Ajjeechaa raawwatame kana boodas reeffi isaa maatii dhorkatamuu kan himu jiraataan kun, gochoota suukkanneessoo lubbuu namootaa galaafataniin dabalatatti aanaa Jimmaa Arjootti saamicha, hidhaa fi gubaatiin manneeniis haalaan hammaatee jiraachuu itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

