ONM-ABO Ebla 17, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti Ebla 15, 2025 abbootiin qabeenyaa Oromoo kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Addaam Fayisaa fi
- Obbo Geetuu Tashoomaa
jedhaman yakka tokko malee waraana sirnichaan ukkaamfamanii mana hidhaatti darbatamuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa dubbisne jedhanitti namoonni kunneen karoorfatanii hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uu malee dhimma siyaasaa dhaaba kamii irraa walaba ta’uu himuun, jaleewwan Bilxiginnaa immoo maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun hiraarsaa jiru. Namoonni badii malee hidhaman kunneen sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamoo yoo ta’an irraa kan hafe homaa balleessaa raawwatan hin qaban jechuun jiraattonni keessa beekan ONM’f ifoomsanii jiru.
Murni Bilxiginnaa daddaaqamaa fi kufaatii siyaasaa keessa seenee jiru irraa of baraaruuf jecha hidhaa fi ajjeechaa akkasumas dararaa lubbuu fi qabeenyaa uummata nagaa irratti hammeessee akka tooftaa bulchiinsaatti itti fayyadamus dhugaan jiru garuu barcuma ofii tikfachuuf qofa hawaasa nagaa gidirsanii badhaadhinaa fi bulchiinsa gaariin akka hin jirre uummatichi haalaan kan beekuudha.

