Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti namoonni afur waraana gabroomfataa PP’n qabamanii ajjeefamuun himame

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Uummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifatee jiraachuuf, hiree mataa isaa dhabuu irraan kan ka’e jireenyi sabichaa yakka tokko malee imphaayerattii keessatti ajjeefamuu ta’ee jira.

Bifuma kanaan Adooleessa 18, 2024 namoonni nagaan afur godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Heennaa Jawwajaa jedhamu irraa waraana gabroomfataa PP’n qabamuun, bobbaa loonii nyaachifanii guyyaa tokkoof dararamaa erga turaniin booda kaleessa Adooleessa 19, 2024 ajjeefamuun himame. 

Namoonni waraana faashistii PP’n ajjeefaman kunneen maqaan isaanii: Morkaa Mokonnon, Eebbisaa Dinqiisaa, Mirreessaa Alamaayyii fi Badhaasaa Gammachuu kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota maatii qaban ta’uun barameera.

Dabalataanis jiraattota kunneen  erga qabanii kaasanii bulchiinsa magaalaa Gudayyaa Biilaatti  fuula hawaasaa duratti dhoqqee fi corroqa keessa gangalchuun, gara jabummaa hamaa itti agarsiisanii uummanni akka jiiluuf xuraa’aa magaalichaa keessa gangalachiisaa akka turanis jiraattonni itti dabalanii himaniiru.

Exit mobile version