ONM-ABO Adoolessa 22, 2024
Gareen faashistii PP bittaa sirna isaaniif umurii dheeraa hawwuun, uummatni dirqiin bulchiinsa isaanii jalatti akka buluuf gochi gara jabummaa dhala namaaf hin malle loltoota isaanii fayyadamuun raawwataa jiran himamee hin dhumu.
Bifuma kanaanis torban tokko keessatti godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti jiraattonni baay’inni isaanii 6 ta’an waraana gabroomfataa PP’n naasuu tokko malee ajjeefamuun kan beekamu yoo ta’u, isaan keessaa namoonni maqaan isaanii: Darguu Baqqalaa fi Zelaalem Tolasaa jedhaman abbootii maatii kan ta’an Adooleessa 20, 2024 aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Abbayyii Daalleetti ajjeefamuun beekameera.
Yakkoonni hamoon waraana faashistii PP’n Gudayyaa Biilaatti taasifamaa osoo jiruu bilxiginnaan miidiyaan ba’ee misoomaa fi dhaabbii biqilootaan gurra hawaasaa coomsuurra kan jiru kaleessa jechuunis Adooleessa 21, 2024 loon 20 ol maatii namoota guyyaa dheengaddaa ajjeefaman jalaa ooffachuun maatiilee kanneenis maaliif gadda teessu jedhanii manneen hidhaattii guuranii akka jiran beekameera.
Namoonni gochoota hamaa ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa raawwachiisaa jiran ammoo warreen maqaa waraana Bilisummaa Oromoon daldalaa turanii sochii WBO dheessuun bilxiginnaatti harka kennatan akka ta’e dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

