Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti qonnaan bultoota jumlaan ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Ajjeesuu akka sagalee uummataa ukkaamsuutti kan fudhatu murni PP guyyuu dhiiga qulqulluu dhangalaasuun, qe’ee Oromoo qe’ee boo’ichaa fi gaddaa erga godhee waggoota lakkoofsiseera. 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti waraanni garboomfataan bilxiginnaa dheengadda Adoolessa 29, 2024 toora sa’a 12:00 keessa qonnaan bultoota hojii isaanii idilee malee hirmaannaa siyaasaa   hin qabne sababa tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun jumlaan ajjeesuun barameera.

Namoota waraana sirna garboofataa PP’n ajjeefaman keessaa kanneen ammaaf maqaan nu ga’e;

Ganda Heennaa Jawwaajaa irraa:

  1. Eebbisaa Dinqiisaa
  2. Mirreessaa Alamaayyoo
  3. Badhaasaa Gannatii 
  4. Morkaa Mokonnin  
  5. Tamasgeen Gammee 
  6. Dossoo Gammee 

Ganda Zangii irraa:

  1. Darguu Baqqalaa fi
  2. Habtaamuu Baqqalaa yoo ta’an,

Ganda Sawwaa irraa immoo: 

  1. Damissee Goshoo kan jedhamuu dha.

Ilmaan Oromoo kunneen badii malee ajjeefaman kan jedhan maddeen, murni kun kufuu isaa waan amaneef balleessee baduuf dhiiga qulqulluu dhangalaasaa oola waan ta’eef uummatni Oromoos hirriba keessa jiru keessaa dammaqee garee faashistii kana ofirraa kuffisuu qaba jechuun dhaamsa isaanii dhaammataniiru.

Exit mobile version