Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Toleetti namoonni sadii waraana gabroomfataa PP’n ajjeefamuun himame

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Waraanni maafi’aa PP uummata irraa dhalataniif naasuu  dhabuun, gara jabummaa  saba “ni geggeessina” jedhanitti agarsiisuun ajjeechaa raawwatan jabeessaniiru.

Bilxiginnaan Oromoota humnaan qe’ee isaanii irraa godaansisanii ari’uun gara jabina isaan kennaa uumamaan qaban yoo ta’u, murni bilxiginnaa ajjeesuu qofaatti amanan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Baasii Bilidaatti Hagayya 3, 2024  ganama sa’a 12:00’tti gara jabummaan namoota sadii ajjeesuun gataniiru.

Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii; Baadhasoo Diriirsaa, Leencoo Abarraa fi Raggaasaa Baacaa kan jedhaman yoo ta’an, namoota kana badii tokko malee waraanni faashistii PP rasaasaan waaduun kan ajjeesan ogguu ta’u, erga Ajjeesanii boodas maatiin reeffa kaasanii akka hin awwaallanneef dhorkachuun Harree-gaariitti hidhuun fuula hawaasa duratti harkisaa akka turan ifoomeera

Jiraattonni ajjeefaman kunneen waraana gabroomfataa PP’n adamfamaa kan turan yoo ta’u, ji’oottan darban keessas waraanni kunneen ajjeesuuf mana isaanii deemanii yoo dhaban manneen isaanii qabeenyaa keessa jiru waliin gubanii barbadeessuu fi dhuma irratti lubbuu isaanii akka galaafatan beekameera.

Exit mobile version