ONM-ABO Hagayya 7, 2023
Impaayera bututaa Minilik suphuuf waraanni Abiy Ahimed bobbaafaman, lubbuu lmaan Oromoo akka balaa harcaasaa kan jiran yoo ta’u, gocha yakka namoomaa fi kabaja lammiilee ofii hanqise kana raawwachuu guyyaa gara guyyaatti jabeessaa jiru.
Haaluma kanaan dheengadda Hagayya 5, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii ganda Kutaallaa Bildiimaa keessatti lola Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota bilxiginnaa irratti fudhataniin naasuu keessa kan seenan loltoonni PP namoota nagaa maqaan isaanii Abdii Daani’eel Ittafaa, Eebbaa Imaanaa fi Fiqiruu Dabalii jedhaman rasaasa itti roobsuun ajjeessan.
Tarkaanfii WBO’n aanaa Boojjii Dirmajjii keessatti fudhate waraana PP irratti ta’us gareen goolessaa Abiy Ahimed garuu namoota nagaa homaa keessaa quba hin qabne irratti haaloo ba’anii jiru.
Gochoonni waraanni bilxiginnaa yeroo hundaa Oromiyaa keessatti raawwatan kun Oromummaa balleessuuf waan beekaa godhamuudha kan jedhan jiraattonni ona Boojji Dirmajjii namoota dheengadda gochaan farra namoomaa irratti raawwate keessaa Fiqiruu Dabalii faarfataa waldaa kiristaanaa akka ta’es namoonni keessa beekan Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

