ONM-ABO Ebla 2, 2025
Torbee kana keessa goolessitoonni sirnichaa aanaa Boojjii Birmajjii gandoota aanichaa 17 irraa maqaa caasaa haaraa ijaarra jedhuun kaabinoota leenjisaa kan ture yammuu ta’u, warreen leenjise kanas meeshaa hidhachiisuun shaakala dhukaasaaf hawaasa keessa kaabinoota kanneen bobbaasee qe’ee isaanii keessatti dhukaasa itti banuun shororkeessaa turuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Kaabinoonni hirmaatan kunneenis ganda tokko irraa baay’inaan 7 kan ta’an oggaa ta’u, walumaa galatti kaabinoota baay’inaan 119’f leenjii loltummaa kennuufiin hawaasa keessatti hamminaa fi ajjeechaa akka raawwataniif bobbaasanii jiraachuun ibsameera.
Kana malees akka onichaatti hojjetaan mootummaa cuftuu leenjii loltummaa akka fudhatuuf dirqamni itti laatamee jiraachuun beekameera.
Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa deebisee haaressuuf akkasumas bulchiinsa abbaa irree fi sirna moofaa uummata irratti jabeessee waanjoo gabrummaa jala bulchuuf kan carraaqu koloneel Abiy Ahimed aadaa bulchiinsa sirnoota nama nyaataa dhaaluun ittiin saba Oromoo dararaa jiraachuun kan beekamuudha.

