Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa kaabinoota leejii irraa dhufaniif simannaa taasisna maqaa jedhuun hawaasa irratti saamicha bifa haaraan eegaluun ibsame 

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Suudee ganda Ashmiiraa Warganbuullaa keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuu amaleeffatan “kaabinoota leenjii irra turanii dhufaniif simannaa taasisna” maqaa jedhuun afaan qawween doorsisanii jiraattota irraa qarshii 100 saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa ONM’tti himanitti bara kana keessa maqaa kaffaltii qofa jijjiiruun saamichi ulfaataan nu irratti raawwachaa turan jechuun, yeroo dhiyoo as immoo simannaa kaabinootaaf goona maqaa jedhuun maallaqa  nu harkaa fuudhuun irra deebiin ni haqate sababa jedhuun yeroo ammaa kanas uummata cufatti dirqama gad buusuun qarshii 100 irraa guuraa jiraachuu dubbataniiru. 

Nageenyaa fi misooma lammiilee mancaasee bulchiinsa afaan qawwee jalatti ukkaamsuun nagaa fi badhaadhina miidiyaa kan lallabu koloneel Abiy Ahimed sirna dhableeyyii hidhattoota isaa qe’ee hawaasa Oromootti bobbaasee ajjeessisuu fi manneen jireenyaa irratti gubee buqqisuun cinatti dinagdee uummatichaas quucarsee dhabamsiisuuf jecha ergamtoota isaa saamsisaa oola.

Exit mobile version