Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 24, 2024 

Ergamtoonni Abiy Ahimed impaayera dinagdeen ishee gama maraan kufte deebisanii suphuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessaa Uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu jabeessanii itti fufanii kan jiran ta’uun ni beekama.

Godina Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota cufa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii Inshuraansii Fayyaa jedhuun mana tokkotti qarshii 2,000-2,000 guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, armaan duras maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen yeroo adda addaatti saamichi hamaa ta’e ergamtoota sirnichaan irratti raawwatamaa jiraachuu himuun, sababa kanaanis hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu waan kaffalu dhabuun gidiraa hamaa keessa kan jiru ta’uu dubbatu.

Kana malees aanicha keessatti maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun namni tokko dhuunfaatti muka ijaarsaaf oolu 8 bitees ta’uu kan ofii isaa muree akka dhiyeessu dirqamsiifamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version