ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota akka; Ashmiiraa Wargaanbuullaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti shiftoonni Bilxiginnaa maqaa “kaffaltii eegumsa halkanii” jedhuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa dirqamaan qarshii 500 guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, aanicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa lukkeelee sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatus daran jabaatee jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kan garaa malee kan maqaa nu dhibaa kan hin beekne ergamtoonni Bilxiginnaa, dantaa dhuunfaa isaaniif dursa kennuun uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

