ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota akka: Ashmiiraa Warganbuullaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti ergamtoonni faashistii PP maqaa “milishootaaf hojii hojjechuu diddan” jedhuun jiraattota qarshii dhibba shan shan adabaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun gandoota kanneen keessatti “harcaatii kaffaltii ijaarsa waajjira gandaa” jechuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 1,500 irra deebiin guuraa jiraachuun ibsameera.
Kana malees magaaluma Darrabbaa ganda 01 keessaa Hagayya 25,2025 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Abdulsalaam Haajii Bakaree fi
- Mahaammad Haaji Baamuud
jedhaman hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa cubbamtuu impaayera Itiyoopiyaa diigamuuf raafama irra jirtu utubuuf jecha ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.
