Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu hammeessan

ONM-ABO Adoolessa 12, 2025 

Jaleewwan PP kanneen garaa isaanii guuttachuuf jecha uummata Oromoo irratti gocha dabaa hojjetaa oolan, wayita ammaa kanas kufaatii dinagdee impaayerattii mudate irraa ka’uun hawaasa meesha maleeyyii irratti saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota akka; Ashmiiraa Warganbuullaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti jaleewwan sirna nama nyaataa PP maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun irra deebiidhaan nama tokko rraa qarshii 2,000-3,000’tti dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, magaalaadhuma Darrabbaa ganda 01 Keessatti yeroo ammaa kana galgala sa’atii 2:00 booda namni bakkeetti argame hidhaatti erga darbatamee booda qarshii 1,500 adabamee ba’aa  jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version