Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota saamuu akkaan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota akka; Ashmiiraa Warganbuullaa, Ashmiiraa Waafiqaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti ergamtoonni faashistii PP Fulbaana 22, 2025 irraa eegalanii marsaa lammaffaaf “mana haadha hiyyeessaa ittiin ijaarra” jechuun nama tokko irraa qarshii 370 dirqamaan fuudhanii faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal-fakkaatuun kaffaltii marsaa jalqabaa baatii tokkoon dura qarshii 310 funaananii kan turan yoo ta’u, qarshii walitti qaban kanas osoo mana haadha hiyyeessaa kana ittiin hin ijaarin garaa isaanii ittiin guuttatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudateen wal-qabatee egeree teessoo isaaf sodaa guddaa keessa kan seene koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan gidiraa hamtuu keessa jiru irratti saamicha daangaa darbe raawwachiisuu itti fufee jira.

Godinichuma aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhubboo jedhamu keessatti Fulbaana 21, 2025 dinnicha hawaasa ooruu keessaa qotate fudhatanii mooraa waraanaatti buufachuun soorataa turuu fi meeshaalee hedduus mana keessaa fudhachaa kan turan ta’uu jiraattonni ifoomsaniiru.

Exit mobile version