Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Ergamtoonni maafiyaan PP maseenuu dinagdee impaayerattii sababeeffachuun, yeroo addaa addaatti qe’ee uummata Oromootti bobba’uun saamicha daangaa darbe raawwachaa jiru.

Arsii Bahaa aanaa Suudee bakkeewwan addaa addaatti ergamtootni Bilxiginnaa kunneen jiraattota humnaa ol saamuu hammeessuun, ganda Ashmiiraa Warganbullaa jedhamu keessatti torban darbe irraa eegaluun kaffaltii dabalataa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 5000 irra deebiin guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, ganduma kana keessaa yerooma wal fakkaataatti maqaa “deggersa milishaa” jedhuunis nama tokko irraa midhaan nyaataa xaafii quunnaa 2 saamaa jiraachuus jiraattonni itti dabaluun eeraniiru.

Kanumaan wal qabatees, yeroo ammaa kana namoonni harka qalleeyyii ta’an hedduun isaanii waan kennan of harkaa dhabuun hidhaatti guuramanii dararamaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version