ONM-ABO Bitootessa 12, 2025
Aanaa Suudee bakkeewwan addaa addaatti jaleewwan Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayera Itiyoophiyaa mudate sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii irratti maqaa kaffaltii gosa garaa garaan saamicha ulfaataa raawwatan ittuma fufuun, wayita ammaa kanas ganda Ashmiiraa Warganbullaa fi kanneen biroo hedduu keessatti maqaa deggersa waraanaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 600 fi midhaan nyaataa ammoo qamadii quunnaa shan shan dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kanumaan wal qabatee, hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu kana irra deddeebiin kaffaltii nagahee hin qabneen saamaa jiraachuu irraan kan ka’e, jiruu fi jireenyi isaanii akka malee golgolaa’uun waan kennu of harkaa dhabee mana hidhaatti guuramee hiraarfamaa jiraachuunis dabalataan ibsameera.
Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen egeree isaaf sodaa guddaa keessa kan seene Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa hamtuu keessa jiru saamsisaa jiraachuun ni beekama.

