Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu hammeessan

ONM- ABO Gurraandhala 26, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdee impaayerattii utubuuf jecha haala duraan barameen olitti saamichaan lammiilee harka qalleeyyii dararaa kan jiran yoo ta’u, wayita ammaa kana gandoota aanichaa cufa keessatti maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun nama tokko irraa gadi aanaan qarshii 12,000 fi olaanaan ammoo 22,000 saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, kaffaltii gibiraan cinatti maqaa deggersa milishaa, raayyaa ittisa impaayerattii fi kaabinee jedhuunis yerooma tokkicha nama tokko irraa qarshii 1,000 guuraa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen wayita saamicha kanaaf bobba’an nama kaffaltii jedhame kana irraa fuudhan yoo manaa dhabanis, daa’immanii fi  maanguddoota osoo hin jenne namuma manatti argan qabanii deemuun mooraa waraanaatti hidhanii hanga maatiin maallaqa geessee of irraa kaffalutti hidhanii hiraarsaa kan jiran ta’uunis ibsameera.

Exit mobile version