ONM-ABO Ebla 6, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Kormaa jedhamutti Ebla 3, 2025 maanguddoo ganna 65 olii abbaa ilmaan 10 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Beenyaa jedhamu maqaa “gibira waggaa 4 kaffaluu didde” jedhuun osoo inni xaa’oo fudhachuuf gara magaalaa Baakkoo deemaa jiruu ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maanguddoon kun hojii qonnaatiin maatii isaa rakkatee kan jiraachifatuu fi jireenya harkaa gara afaanii akka jiraatu kan himamu oggaa ta’u, gibira humnaa olii dachaa afuriin itti dhufe kanas osooma kan waggaa tokkoo qofa kaffali jedhamee iyyuu waan kaffalu homaa of harkaa akka hin qabnes jiraattonni dubbatu.
Kufaatii gama maraan impaayerattii mudatee jiru irraa baraaruu fi barcuma siyaasaa nam-tokkee tiksuuf jecha ergamtoonni sirna nama nyaataa PP kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu saamuu jabeessanii itti fufanii jiru.

