Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa gibira humnaa olii kaffaluu diddan jedhuun qonnaan bultoota jumlaan mana hidhaatti guuruun hiraarsaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Eleellee Waalanaa jedhamu irraa loltootni Bilxiginnaa Amajjii 28, 2026 namoota hedduu jumlaan ukkaamsuun aanichuma ganda Soolee Faraqasaa jedhamu keessatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Namootni kunneen kan hidhamaniif maqaa gibira humnaa olii itti bu’e kaffaluu diddan jedhuun akka  ta’e barameera.

Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu gahe:

  1. Hawaa Haajii, 
  2. Amaanaa Abdullaahi Haaji Usmaan, 
  3. Aadde Ruqiyyaa Kaliiloo, 
  4. Aadde Zaaruu Aliyyii Indee,
  5. Aadde Jamiilaa Turee Tukee,
  6. Aadde Makkiyyaa Yaasin fi 
  7. Aadde Zeenabaa Sheek Musxafaa Bashiiroo kanneen jedhamaniidha.

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen kan dura gibira kaffalanii osoo yeroon isaan yeroo 2’ffaaf kaffalan hin geenye gaafachuu fi maallaqni isaan gaafatan qabeenya isaan qabanii ol taanaan kaffaluu waan dadhabaniif hidhanii dararaa jiru jedhu.

Exit mobile version