ONM-ABO Adoolessa 9, 2025
Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu keessatti loltoonni impaayerattii fi kaabinoonni Bilxiginnaa waliin ta’uun maqaa gibira jedhu da’oo godhachuun dubartoota harka qalleeyyii ta’an hedduu dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haadholii jiraachuuf illee waan nyaatanii bulan hin qabne:
- Aadde Amiinaa fi
- Aadde Madiinaa Algajjaa
kanneen jedhaman maqaa “gibira mootummaa kaffaluu diddan” jedhuun yakkanii hidhaatti darbatanii, hoggaa isaan nagahee ittiin kaffalan itti agarsiisan, “nagahee sobaati nama isiniif kenne hin beeknu” jechuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun dabalataan ibsameera.
Akkuma aanichaatti jaleewwan Bilxiginnaa gibira da’eeffachuun qarshii humnaan olii itti fe’uun akka barbaadan hawaasatti taphataa jiran kaabinoota Bilxiginnaa kanneen maqaan isaanii Furaa Waarisaa fi Sulxaan Abbabaa jedhaman ta’uun baramee jira.

