• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Siraarootti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa gibiraa da’oo godhachuun jiraattota saamaa jiraachuun himamee jira

Jul 9, 2025

ONM-ABO Adoolessa 9, 2025 

Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu keessatti loltoonni impaayerattii fi kaabinoonni Bilxiginnaa waliin ta’uun maqaa gibira jedhu da’oo godhachuun dubartoota harka qalleeyyii ta’an hedduu dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haadholii jiraachuuf illee waan nyaatanii bulan hin qabne: 

  1. Aadde Amiinaa fi 
  2. Aadde Madiinaa Algajjaa 

kanneen jedhaman maqaa “gibira mootummaa kaffaluu diddan” jedhuun yakkanii hidhaatti darbatanii, hoggaa isaan nagahee ittiin kaffalan itti agarsiisan, “nagahee sobaati nama isiniif kenne hin beeknu” jechuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun dabalataan ibsameera. 

Akkuma aanichaatti jaleewwan Bilxiginnaa gibira da’eeffachuun qarshii humnaan olii itti fe’uun akka barbaadan hawaasatti taphataa jiran kaabinoota Bilxiginnaa kanneen maqaan isaanii Furaa Waarisaa fi Sulxaan Abbabaa jedhaman ta’uun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading