ONM-ABO Muddee 28, 2024
Koloneel Abiy Ahimed dinagdeen impaayerattii qilee bu’uu gaafa baru tiksitoota barcuma siyaasaa isaa kabajni namummaa maal akka ta’e hin beekne guutuu Oromiyaa keessatti kumaatamaan bobbaasuun afaan qawwee itti qabanii hawaasa nagaa saamuu fi doorsisuu akka tooftaa waraanaatti fudhachuun guyyuu dhimma itti ba’aa oolu.
Bu’uuruma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee gandoota aanaa Baatee keessatti argaman cufa keessatti caasaaleen Bilxiginnaa maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun maallaqa humnaa olii jiraattota harkaa yoo saaman, dhaaba deggarsa ijaarsa Bilxiginnaaf jechuunis ammoo qarshii 50-100 jiraattota irraa dirqiin funaanaa jiraachuu jiraattotni aanaa Baatee gandoota adda addaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomsaniiru.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti, ergamtootni murna Bilxiginnaa kun inshuraansii fayyaaf jechuun waggaa keessatti si’a 2 fi isaa ol qarshii humnaa olii nu harkaa saamu, nuti garuu yoo dhukkubsannee waraqaa inshuraansii fayyaa qabachuun mana yaalaa seenne qorichoota ga’aa hin argannu, inumaa qorichoota yeroon isaa irra darbe nuuf laatu akkasumas faarmaasii mooraan alaa irraa bitadhaa jedhu jechuun komii irraa qaban dubbatu.

