ONM-ABO Muddee 15, 2024
Koloneel Abiy Ahimed guutuu Oromiyaa keessatti loltoota isaa kumaatamaan qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun Oromiyaa dirree dhiigaa fi dachee ilmaan ishee irratti dararaman taasisee osoo jiruu kallattii biraan ammoo jiraattota afaan qawwee itti qabuun gibiraa fi inshuraansii fayyaa humnaa ol itti fe’uun rakkisaa kan jiruun cinaatti, maqaa deggarsa ijaarsa paartii badhaadhinaa fi nyaata milishaa jedhuun hawaasa nagaa doorsisanii saamuu hammeessaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanicha keessatti argaman cufa keessaa baatii Onkoloolessaa keessa maqaa inshuraansii fayyaa fi nyaata milishaa jedhuun jiraattota humnaa ol saamaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo bifa adda ta’een deggarsa ijaarsa paartii badhaadhinaaf qarshii hangi isaa adda hin baane, nyaata milishaaf jechuun ammoo namni tokko midhaan kiiloo 25 dirqiin kennaa jiraachuu jiraattotni onichaa ONM’tti himan.
Itti dabaluunis jiraattotni akka jedhanitti, inshuraansii fayyaaf irra deebiin jechuun namni tokko qarshii 2,500-3,000’tti kaffalaa jirra, gibiraafis jechuun maallaqa humnaa olii nu gaafachaa jiru, namni maallaqa hanga jedhameen hin kaffalle ammoo ni reebamaa fi ni hidhama nuti kaffaluulleen hin dandeenyu, sababn isaas 1’ffaa kaffaltiin gibiraa fi inshuraansii fayyaa kan bara kanaa dachaan dabaleeras jechuun himan.
Erga kaffallee baatii lama reef geenye, sanuu wantoota qabnu mara gurguruu fi kan hin qabne ammoo liqii fudhachuun ofirraa kaffalle kan jedhan jiraattotni kun, nuti hanga yoonaatti liqii namoota irraa fuuneellee ofirraa galchuu hin dandeenye jechuun miira aarii fi gaddaan guutameen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

