ONM-ABO Amajjii 10, 2026
Godina Walloo guutummaa aanaalee godinichaa keessatti caasaaleen Bilxiginnaa magaalaa fi baadiyaa onichaa mara keessa naanna’uun maqaa inshuraansii fayyaaf jedhuun osoo waggaa hin guutin afaan qawween hawaasa doorsisanii qarshii 2000-2500 tokko tokkoon namootaa irraa ulaa ulaarra deemanii fuuchaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.
Lukkeeleen murna gabroomfataa PP kun aanichatti osoo maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun jiraattota humnaa ol saamaa jiranii, yerooma wal fakkaataatti maqaa nyaata milishaaf jedhuun akka namoonni ulaa banataniin balbala namootaa irra deemanii midhaan safartuu naannoo 10-15 uummatarraa fuudhaa kan jiran yeroo ta’u, namoonni midhaan isaan gaafatan sana battalatti hin kennin akka hidhaman, doorsifamanii fi reebaman waan akeekkachiifamaniif sodaa nageenya isaaniif jecha kennaa turuu ONM’f gabaasaniiru.
Saamtonni murna PP balleessuu malee tolchuu, ajjeesuu malee du’arraa baraaruu, hidhuu malee hiikuu fi saamuu malee gargaaruu hin beekne kan dantaa saba irraa dhalataniis hin qabne kun onichatti saamicha hammaataa qonnaan bultoota irratti raawwachaa jiraniin cinattis, maqaa hidhata WBO qabdu, ni nyaachistu, daandii agarsiiftu, eeruu laattuu fi ni quunnamtu jedhuun uummata nagaa irratti gochoota jibbisiisoo seeraa fi seenaan isaan gaafachiisu danuu dalagaa jiraachuu maddeen kun itti dabaluun dubbataniiru.

