ONM-ABO Sadaasa 10, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamanii, waa’ee dantaa uummata bulchaa jirra jedhaniif dhimma dhabuun, qarshii guyyaa tokko illee nama hin oolchineef jecha hawaasa nagaatti afaan qawwee gara galfachuun dararaa ulfaataa irraan ga’uu itti fufuun, godina Arsii Bahaa aanaa Gololchaatti jiraattota saamuu cimsanii itti fufanii kan jiran ta’uun ibsameera.
Aanaa Gololchaa bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa garaa isaaniif jiraatan maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti tarreessuun uummata saamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas ganda Ani Adayoo jedhamu keessaa maqaa “kaffaltii gibiraa” jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 6000 guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii kennan himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, wayita hawaasa qaala’insi itti hammaachuun jireenyaan kokkee wal qabaa jirutti ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun gadi ba’uun taa’uu fi ka’uu dhorkachaa jiraachuu himuun, hawaasni harka qalleessi ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne qarshii humnaa olii kana waan kaffalu dhabuun dararaa hamaa argaa kan jiran ta’uu itti dabaluun dubbataniiru.

