ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Aanaa Algee Saachiitti bulchaa ganda Coqorsaaf Dooyyuu kan ta’e Kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Tashaalee Sambii jedhamu gandicha keessatti uummata gargar qoqqooduun, garee tokko miidhee kaaniif ammoo loogii hojjetaa kan jiru yoo ta’u, sababa kanaanis hawaasni kaleessa jaalalaa fi wal danda’uun wajjin jiraachaa ture har’a ija dalgaan wal ilaaluun wal gaareffachaa jiraachuun himamee jira.
Maddi wal gaareffannaa isaanii kunis, Kaabineen kun oomisha biqiltuu bunaa namoonni ganda Coqorsaaf Dooyyuu 170 ol ta’an dhuunfaatti lafa isaanii irra oomishanii itti fayyadamaa jiran harkaa fuudhuun, Uummata 1000 ol gandichi qabu hundaaf qoodnee kan gandaa taasisna jechuun aangoo isaatti fayyadamee namoota kanneen miidhaa jiraachuu namootni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka namootni kun himanitti, oomishni biqiltuu bunaa kun irra jireessaan kan dargaggootaa ta’uu fi jalqabbiin isaas waggoota hedduu kan lakkoofsise ta’uu himuun, Kaabineen Tashaalee jedhamu aanicha keessatti bara mootummaa Wayyaaneetii kaasee waggaa 15 oliif jiraattota dararaa kan turee fi yeroo ammaa kanas ganda Coqorsaaf Dooyyuu keessatti addatti dargaggoota irratti xiyyeeffachuun qabeenyaa isaanii illee humnaan irraa fuudhee jiraattotaaf qooduun, sababa kanaan gidduu isaaniitti walitti bu’iinsi hamaan uumamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen hawaasa gandichaa guutummaa irraa walii galaan kaffaltii gibiraa qarshii miiliyoona 2.5 ol guuruun, saamicha daangaa darbeen jiruu fi jireenya isaanii golgoleessaa kan jiru ta’uu dabalataan ibsaniiru.
