Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Algeetti loltoonni Abiy Ahimed dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee ganda Coqorsaaf Dooyyuu jedhamu keessaa torban darbe keessa Taajuu Arabuu fi Muuzammil Arabuu dargaggoota jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo “siyaasaaf deemtu” jechuun gandichuma iddoo addaa Dhiphaa jedhamutti qabuun waajjira gandaa Coqorsaaf Dooyyuutti hidhanii gaaffii seeraa tokko malee dararaa jiraachuu dubbatu.

Aanichatti yakkoonni farra namoomaa garaa garaa ergamtoota sirnichaa hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaachuun, jiraattonni hedduunis guyyuun gara leenjii waraanaatti jumlaan guuramaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Exit mobile version