ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachii ganda Coqorsaa fi Dooyyuu keessaa Adoolessa 22, 2025 dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii:
- Miftaahuu Sheek Jeneed fi
- Ashannaafii Ofga’aa
jedhaman waraanni sirna PP badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Algee Saachiitti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu dubbatu.
Sirna dhableeyyiin waraana Bilxiginnaa cubbamtuu impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf jecha ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uus Abiy Ahimed, Fiqaaduu Tasammaa fi qondaaltotni PP biroon Oromiyaa qofa mitii impaayerattii keessa nagaan guutuun akka jiru afaan guutanii dubbatu.

