Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Algee Saachii keessatti loltoonni faashistii PP maqaa leenjii waraanaa jedhuun jiraattota dararuu itti fufan 

ONM-ABO Ebla 14, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa bututtuu impaayera Itiyoophiyaa kufuuf raafama irra jirtu suphuuf jecha kutaalee impaayerattii cufa keessaa saboota kan biroo irraa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun adamsanii gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachii ganda Jirkoo jedhamu irraa torban darbe keessa tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa dargaggoo maqaan isaa Girmaayee Dheeressaa jedhamu leenjii waraanaaf ukkaamsuuf jecha irra deddeebiin gara mana maatii isaa dhaqanii barbaaduu irraan kan ka’e, yeroo ammaa kana dargaggoon kun baqatee manaa baduun maatiin isaa yaaddoo guddaa keessa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanicha keessatti ergamtoonni sirnichaa kunneen sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun hidhaa fi saamicha ulfaataa sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiraachuun itti dabalataan ibsameera.

Exit mobile version